Aanaa Diggaatti Barattoota harka qalleeyyii 4838’f deeggarsi meeshaalee taasifame

 

Finfinnee, Onkololeessaa 3, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaatti barattoota harka qalleeyyii kuma 4 fi dhibba 838’f deeggarsi meeshaalee barnootaa qindoomina Waajjira Barnootaa aanichaa fi Dhaabbata Baraarsa Daa’immanii Damee Naqamtee waliin taasifamuu ibsameera.

Kaayyoon deeggarsichaa barnoonni qulqullina qabu lammii hunda biraan ga’uuf akka ta’e Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanichaa Obbo Darejjee Beenyaa ibsaniiru.

Aaanichaatti Birrii miiliyoona 14 oliin deeggarsi meeshaalee barnootaa Manneen barnootaa saddeetiif kennamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment