Aanaa Dabbaaxeetti qaamoleen nageenyaa tarkaanfii humnoota farra nageenyaarrati fudhatanii hedduun ajjeefamaniiru

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)- Raayyaa ittisa biyyaa fi qaamoleen nageenyaa humnoota farra nageenyaa naannoo Beenishaangul Gumuuz aanaa Dabbaaxee bakka garaagaraatti haleellaa raawwachuuf turan irratti tarkaanfii fudhatameen hedduun isaanii ajjeefamuu ibsame.
Aanichatti bakka garaagaraatti humnoota farraa nageenyaarratti tarkaanfii fudhatameen kanneen ajjeefamanii alaatti hedduun isaanii harka laataniiru.
Kaleessa humnoota garee ABUT deeggaraniin godina Matakkaal aanaa Daabbaxeetti haleellaa qaqqabeen lubbuun lammiilee nagaa darbu ibsameera.
Qaamoleen nageenya bakkichatti argamun garicharratti tarkaanfii fudhataniin haleellichaan miidhaa cimaan osoo hin qaqqabiin tasgabbeessuu isaanii ragaan waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Beenishaanguul Gumuuz irraa arganne ni muul’dhisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
Comments (0)
Add Comment