Finfinnee, Eebila 19, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa Aanaa Daannootti hiriirri balaaleffannaa Shanee gaggeeffameera.
Aanichatti qabeenya hawaasaa saamuu, lubbuu namootaa haala sukkaneessaan dabarsaa jiru, gochaa gara jabinaa kanas hawaasni Aanaa Daannoo tokkummaan ba’uun dhaadannoo Shaneen Diina Oromooti; Oromoos bakka hin bu’u jechuun balaaleffataniiru.
Hiriiricharratti kutaan hawaasa garagaraa hirmaachuu ragaan Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.