Aanaa Daallee Sadiitti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC) – Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Daallee Sadiitti Balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 3 yoo darbu, namoota 4 irraa miidhaa Cimaa fi 8 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuu ibsame.

Konkolaataa fe’uumsaa Siinoo Tiraakii jedhamu Konkolaataa Tajaajila Sarvisii Hojjettoota Yuunivarsitii Danbii Doolloo waliin walitti bu’uun miidhaa kana qaqqabsiisuu eerameera.

Konkalaachisaan Sarvichaa fi barsiisoonni Yuunvarsitii Danbii Doolloo 2 battalumaatti yoo du’an, namootaa 4 irraa miidhaan qaamaa cimaan qaqqabu Itti Gafatamaan Nageenya Tiraafikaa Godinaa Qellem Wallagga gargaran Inspekteraa Salamoon Mammoon Fbctti himaniruu.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment