Aanaa Calliyaatti Pirojektonni Birrii miiliyoona 137’n ijaaramaa turan eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)- Godina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaatti pirojektoonni fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan Birrii miiliyoona 137 oliin ijaaramaa turan eebbifamaniiru.

Sirna Eebbichaarraatti Hogganaan Biiroo Buusaa Gonfaa Oromiyaa Obbo Mogaas Ida’ee, Bulchaan Godinichaa Obbo Didhaa Guddata fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Piroojektoonni eebbifaman kunneen tajaajila saffisaa, haqaq qabeessaa fi qulqulluu kennuuun rakkoo hawaasa kan furan ta’uu Obbo Didhaa Guddataan dubbataniiru.

Obbo Mogoos Ida’ee gama isaaniin ummanni mootummaarraa mirga misooma gaha argachuu akka qabu eeruun, mootummanis baajata olaanaa rammaduun pirojektoonni misoomaa hojjechaa jiru, fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessan ta’uu ibsan.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment