Aanaa Bureetti meeshaaleen waraanaa seeraan ala daddarbarfamaa turan to’anna jala oolan

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC)- Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bureetti meeshaaleen waraanaa seeraan ala daddarbaarfamaa turan to’annoo jala ooluu ibsameera.

Konkolaataa meeshaalee waraanaa kilaashii fi kaartaa fe’ee Gambeellaa irraa gara Walloo Kamisee imalaa to’annaa jala ooleera.

Meeshaaleen waraanaa kun eeruu ummaataa fi qaamolee nageenyaatin to’annaa jala ooludha kan ibsame.

Meeshaalee to’annoo jala ooleerraatti poolisii qorannoo taasisaa jiraachuu ragaan waajjira dhimmota kominikeeshinii godina Iluu Abbaa Boor irra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment