Finfinnee, Adooleessa 12, 2013 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Bookeetti kenni tajaajila Tola Ooltummaa garaagaraa qooda fudhattoota hedduu hirmaachise Magaalaa Bookee Xiqqoo fi Bookee Guddoo keessatti gaggeefamaa jiraachuu himameera.
Aanichatti tajaajila tola ooltummaan kitaaboolee walitti qabuu, dhiiga arjoomuun, haaromsi mana harka qaleeyyii fi dhaabbiin biqiltuu raawwatamaa jiraachuu bulchaan aanichaa obbo Naajii Mahaammad dubbataniiru.
Guyyaa har’aa Kitaaboleen akaakuu garaagaraa 652 birrii kuma 65 olitti tilmaamamu, dhiigni ml kumni 7 fi 350 arjoomamuu fi dhaabbiin biqiltuu raawwatamuu himaniiru.
Kenna Tajaajila tolaa kana galmaan ga’uu keessatti hirmaannaan ummanni Aanaa Bookee fi Magaalichaa taasisan baay’ee kan dinqisiifatan ta’uu fi hojiin eegalame cimee akka itti fufu gaafachuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.