Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC) –Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbeetti Gaangeen dhaluu ibsame.
Gaangeen kan dhalattu abbaan Harree haati ammoo Farda irraa ta’uutu beekama.
Aanaa Baakkoo Tibbeettii ammoo Gaangeen dhaluu isheetu dhaga’ame.
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Koortuu Caancootti abbaan qabeenyaa Gaangittii Obbo Birhaanuu Tamtimee Dhugumaa Gaangee kana bara 2014 bituun tajaajila gaarii harkiisuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo gara yerootti garaan Gaangittii guddachaa dhufuu ibsaniiru.
Rima’a taati jedhee yaadde hin beeku, garuu Caamsaa 15, 2015 halkan keessaa sa’aatii 5:30 tti dhalte jedhan.
Yeroo amma Ilmoon Gaangittiis fayyummaa gaariirra jiraachuu dubbataniiru.
Aanaa Baakkoo Tibbee Waajjira Qonnaatti ogeessa fayyaa beelladootaa Dooktar Lammaa Ayyalaa gama isaaniin, Harree fi Fardi gaangee yeroo dhalan malee Gaangeen yeroo dhaltu hin baramne jedhan.
Saayinsiinis ta’ee aadaadhan Gaangeen akka hin dhalle barreefamee kan jiru ta’uu himaniiru.
Yeroo tokko tokko garuu Gaangee miiliyoona tokko keessaa tokko dhaluu ni dandeessi jechuun ibsuu isaanii ragaan waajjira Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.