Aanaa Ambaassel bosona Raas Xaqoroo balaan ibiddaa mudate

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Godina Walloo Kibbaa Aanaa Ambaassel bosona Raas Xaqoroo kan lafa hektaara saddeet uwwisee jirurra balaan ibiddaa qaqqabuun eerame.
Balaan Ibiddichaa Waxabajjii 6, 2014 halkaan kan mudatee fi hanga ammaatti to’annoo jala kan hinoolle ta’uun eerameera.
Ka’umsi balichaa ooyiruu nama dhuunfaarraa ka’uun gara bosonichaatti babal’achuu himame.
Bakka Buutuun Itti Waamamaa Waajjira Eegumsa Bosonaa fi Naannawaa Aanaa Ambaassel Aadde Zinat Mohaammad, bosonichi lafa hektaara saddet irra kan jiru ta’uu eeranii, balaan ibiddichaa naannawaa gaara Dishqitti kan mudateedha jedhan.
Koreen hundaa’e gara naannawaa balaan ibiddaa mudateetti imaluu ragaan Kominikeeshinii Walloo Kibbaarraa argame ni mul’isa.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment