Aanaa Adaamii Tulluutti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC)- Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluutti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 7 darbe

Balichi kan mudate Aanaa Adaamii Tulluurraa gara baatuutti konkolaataan imalaa ture konkolaataa faallaa isaan imalaa turee waliin naannawaa Garbii jedhamutti walitti bu’uun kan mudate ta’uu Waajjirri Kominikeeshinii Magaalaa Baatuu Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ibseera.

Balichaan namoonni afur yeroosuma lubbuun isaanii yoo darbu namoonni sadii ammoo buufata fayyaa erga ga’anii lubbuun isaanii darbeera.

Namoota balichaan miidhaan ira ga’e biroon deeggarsa wal’aansaa argachaa jiraachuun ibsameera.

Feeven Bishaawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment