Aanaa Adaabbatti balaa konkolaataa mudateen lubbuu namoota 6 darbe

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) –Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbatti balaa konkolaataa mudateen lubbuu namoota 6 yoo darbu, namoota 15 irra miidhaa cimaa fi salphaan qaqqabuu Waajjirri Poolisii aanichaa beeksiseera.

Konkolaataan deddeebisa Ummataa Isuzu jedhamu magaalaa Adaabbaarraa imaltoota fe’uun gara Magaalaa Laajjoo deemaa ture ganda Fonshoo iddoo addaa ejersa xiqqaa jedhamutti wayita tabba ba’uuf yaalu duubatti deebi’ee garagaruun lubbuun namoota 6 galaafachuu ibsameera.

Namoota 15 ol irra ammoo miidhaa cimaa fi salphaa qaqqabsiisuu Waajjira Poolisii aanichatti diviizyiniin Mirkaneessa Nageenya Naannoo gargaaraan Inspeektaraa Daawud Buundhii ibsaniiru.

Konkolaatichi namoota 28 fe’uu osoo qabuu humnaa ol namoota 40 fe’ee imalaa kan ture ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment