Aanaa Adaabbaatti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 17 darbe

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaatti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 17 darbuu ibsame.
Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaatti ganama har’aa naannoo sa’aati 4:30 irratti balaa konkolaataa sukkaneessaa muudateen lubbuun namoota 17 darbuu OBN gabaaseera.
Konkolaataan deddeebisa Ummataa Magaalaa Roobeerraa imaltoota fe’ee gara Magaalaa Shaashamannee imalaa ture, balaa tasaa mudateen konkolaachisaa fi gargaaraa isaa dabalatee lubbuun namoota 17 darbuu Waajjirri Poolisii Aanaa Adaabbaa beeksiseera.
Konkolaataan kun imaltoota 17 fe’ee gara Shaashamannee osoo imalaa jiru qilee keessa seenuun balaa sukkaneessaa qaqqabeen lubbuun namoota 14 battalumatti yoo darbu, namoonni kaan yaalaaf erga gara buufata fayyaa Adaabbatti fudhatamanii booda lubbuun isaanii darbuu Itti gaafatamaan Waajjira Poolisii Aanaa Adaabbaa Komaandar Abdurashiid Woyyoo himaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment