Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo mana barnoota bultii addaa qaroo dhaabeeyyii waajjirri isaanii ijaarsiisaa jiru daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2014 (FBC) – Giiftii Dureen Ityoophiyaa  Zinnaash Taayyaachoo mana barnoota bultii addaa qaroo dhaabeeyyii waajjirri isaanii ijaarsiisaa jiru daawwataniiru.

Manni barnoota kun wayita ijaarsisaa xumuramuutti qaroo dhabeeyyii 320 ni keessummeessa jedhameera.

Manni barumsichaas baasii Birrii miiliyoona 400 ijaarramaa jira jedhameera.

Ijaarsi mana barumsichaas baatiiwwan torba dhufaan keessaatti ni  xumurumaa jedhameera.

Giiftii Duree Zinnaash adeemsi ijaarsisaa guyyoota jedhamaan keessaatti akka xumuramuuf dhimmoota garagararratti ogeeyyii waliin mari’ataniiru.

Mana barumsichaa keessaatti gamoon bulchiinsa, manni jireenyaa barsiisootaa, manni jireenyaa barattoota, kutaan boqonnaa keessuumoota, kutaan dubbisaa, galmaa nyaataa fi laabratoorii kompitaara ni argamu.

Firehoowot Saffiitu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment