Aadde Tigist Hamiid Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Emireetoota Araba Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC) – Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Aadde Tigist Hamiid Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Emireetoota Araba Gamtoomanii Mohaammad Saaleem Alrashiid waliin mari’ataniiru.

Hariiroo dhaabbilee gitaa biyyoota lamaanii haala caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Ambaasaaddar Mohaammad Saaleem Alrashiid Itiyoophiyaatti Teeknooloojiiwwan biyya keessatti gabbatanii fi Tajaajiloota Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa daawwachuu isaanii ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment