Finfinnee, Guraandhala 27, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samariitaa Sawaasaw Dura Taa’aa Garee Inarjii Idil Addunyaa Chaayinaa Lii Ziiyaang waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota tumsa diinagdee Ityoophiyaa fi Chaayinaarratti xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii ibsameera.
Gareen Inarjii Idil Addunyaa Chaayinaa Ityoophiyaatti misooma Anniisaa fi Piroojektii bishaan dhugaatii irratti hojii jabaa hojjechaa turuu eeraniiru.
Ityoophiyaan dhaabbata guddaa kanaa fi dhaabbilee biroo Chaayinaa waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu Aadde Samariitaan ibsaniiru.
Garichi Madda Anniisaa Takkazee, Fincaa’aa Amartiinashee,Gannaalee Daawaa 3 fi piroojektoota Bishaan dhugaatii hedduu ijaaruu isaanii Lii Ziyaang ibsaniiru.
Dhaabbatichi yeroo itti aanu warshaa Xaa’oo, Simmintoo, fi madda aannisaa haaromuurratti Ityoophiyaan waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsuu isaanii ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.