Finfinnee, Waxabajjii 7 ,2015 (FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samariitaa Sawaasawu Ministira Daldalaa fi Tumsa Misoomaa Neezarlaand Liiseey Sheerinmaasher waliin mari’ataniiru.
Aadde Samariitaan hariiroo fi tumsa Ityoophiyaa fi Neezarlaand qaban dinqisiffaachuun,deeggarsaa biyyattiin damee misoomaaf taasistu galateeffataniiru.
Hariiroon tumsaa misoomaa biyyoota lameen caalmaatti guddisuuf kan hojjetamu ta’uu Aadde Samariitaan ibsaniiru.
Ministirri Daldalaa fi Tumsa Misoomaa Neeazrlaand Liiseey Sheerinmaasher gamaa isaaniin, waliigaltee nageenyaa booda jijjirama Ityoophiyaatti mul’ate dinqisifachuun, Neezarlaand miichuu cimtuu Ityoophiyaa ta’uun kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.
Biyyattiin misooma Ityoophiyaa tumsuu kan itti fuftu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarra argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.