Aadde Samaariitaa Sawaasawu Daayrektara Damee Qonnaa Baankii Misooma Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015(FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samaariitaa Sawaasawu Daayrektara Damee Qonnaa Baankii Misooma Afrikaa Dooktar Paaskaal Saagiingaafi Dura Taa’aa Dhaabbata Oomisha Oomisha Xaa’oo Biyyee Moorookoo Laahichan Iinaahilii waliin mari’atan.

Aadde Samaariitaan Ityoophiyaatti carraaleefi gufuuwwan gama oomisha qamadiin jiran irratti daayrektarichaafi jila isaaniif ibsa taasisaniiru.

Mootummaan oomishtummaa qamadii guddisuufi damichaan walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Dabalataanis Baankiin Misooma Afrikaa Piroojektii qamadii Ityoophiyaa haala deeggaruu danda’urratti mari’achuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment