Aadde Sa’adaa Abdurraahamaan Aanaa Waacaaleetti sochii gurmaa’insa Gandaa daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC)-Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan Godina Shawaa Kaabaa Gandoota Aanaa Waacaaleetti sochii gurmaa’insa gandaa fi raawwii isaanii daawwataniiru.

Daawwannichaan gurmaa’insa haaraan mootumman diriirse yeroo muraasaa keessatti hojii irraa ooluu ibsaniiru.

Sadarkaa gandaatti akkaataa barbaadamuun tajaajila si’ataa fi haqa qabeessa hawaasaaf kennamaa akka jiru mirkaneessuu ragaan kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

Gurmaa’insi haaraan kun hojiirraa ooluun tajaajila hawaasni barbaadu kennuuf bakka hojii mijataa taasisuu fi amantaa uummanni mootummaa irraa qabu dachaan dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.

Humna gandoota kanaa cimsuuf deeggarsa teessumaa, minjaala fi saanduqoota garaagaraa taasisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment