Aadde Sa’aadaan du’aan boqochuu Artiist Haloo Daawween gaddi itti dhaga’amuu ibsan

Finfinnee, Onkololeesa 4, 2016 (FBC) – Af Yaa’iin Mana Maree Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurmaan du’aan boqochuu Artiist Haloo Daawween gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Artiist Haloo Daawwee, umurii ijoollummaa ishiirraa eegalee jiruufi jireenya ishee guutuu hanga har’a lubbuun fuula rabbii deemtutti ogummaa aartii qabduun ummata ishii tajaajilaa kan turte goota aartii guddaa of biraa dhabuu keenyatti gadda guddaatu natti dhagaahame jedhan.

Saba ishiif sagalee taatee umurii ishii guutuu tajaajilaa kan turte gameettiifi ogeettii haadha sagaleen kiilolee, miidhagaafi gurraafi qalbii namaa hawwatu Aartist Haloo Daawwee of biraa dhabuu keenyatti gadda guddaa natti dhagaahame ibsaa maatiifi firoottan ishii, akkasumas, dinqisiifattootaafi ummata keenya maraaf jajjabinan hawwa jechuun eeraniiru.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment