Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan ergaa baga ittiiin isiin gahee dabarsan

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)- Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan Ayyaanaa Iid Alfaxiir 1445ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Aadde Sa’aadaan eragaa isaaniin hordoftoota amantaa Islaamaa biyya keessaa fi ala jiraatan hundaan “baatii Raahmataa kana xumuurtanii guyyaa har’aa baga nagaan geessan; baga ittiin isin gahe; waliin nu gahe” jedhaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka ittaantti dhiyaateera.
Utubaawwan Amantaa Musliimaa shanan keessaa tokko sooma soomuudha.
Namni addunyaa kanarra jiraatu hundi kaayyoofi karoora jiraatuuf qaba.
Galma karoora isaa guuttachuufis halkaniif guyyaa carraaqa.
Carraaqqiiwwan taasifaman keessaa milkiin milkii caalu ammoo jaalala Rabbii argachuun lubbuu ofiif nagaafi boqonnaa dhuma hin qabne kennuudha.
Nagaan qabeenya waloo, kan ofiin mirkaneeffannudha.
San bira gahuuf ammoo, gatii qaalii nama kaffalchiisa.
Obsa guddoo qabaachuus barbaachisa. Namni dalagaa gaariifi toltuu facaafate firii isaa Rabbiin biraa argata.
Yeroon itti facaafatan keessaa ijoon ammoo ji’a Ramadaanaa kanadha.
Firiin gaariin sanyii gaarii faca’e irraa argama.
Nutis firii argannee jireenya keenya qajeelchuuf, soomaafi sagadaan uumaa ofii kadhachuun, Rabbitti yaada toluudha. Namni imaanaafi abdii Rabbiitiin soome ammoo, araaramaafi dhiifama argata.
Kanaaf, ji’a Ramadaanaa kanatti arjummaan, tola ooltummaafi bilisummaan lubbuu ofii kan itti mirkanaa’u waan ta’eef, waan gaarii dalaguun, hamtuurraa of qusachuun lubbuu ofii leenjisuun daandii Rabbiin ajaju irra akka imaltuuf qopheessuun hedduu murteessaadha.
Haalaafi amala ergamaa Rabbii Nabii Muhaammad (S.A.W) hojiirra oolchuun milkii Jannataan nama gaha akkuma jedhamu, Ramadaanni baatii itti lubbuun ofii akka rabbiin sodaattuufi isaaf ajajamtu itti taasifnudha.
Gara laafina, barakaa, qananiifi araaramni rabbiin biraa baatii kanatti namaaf kennamus baatiilee biroo keessa daran caala.
Baatiin kun, baatiiwwan hunda caalee kan mul’atuuf, dhala namaa jireenya haarawaaf waan kaadhimuufi qopheessuufidha. Akkasumas, baatii Qur’aanni qulqulluun keessatti bu’e ta’ee waan yaadatamuufidha.
Barsiisa ergamaan Rabbii Nabii Muhaammad (S.A.W) nu barsiisan qabannee, ajaja Qur’aana qulqulluu kabajuun jaalalaafi tokkummaa qabnuun, kan beela’e beela baasuufi kan daare uwwisuun duudhaalee waliin jireenyaafi walgargaaruu qabnu caalmaan dagaagsuudha.
Ayyaana kanarrattis, aantummaafi obbolummaa, jaalalaafi kabaja waliif qabnu daran cimsannee kan waldhabeef dhiifama gochuun, gammachuufi jaalalaan wayita waliin dabarsinu dirqamoota Raabbiin keenya nu ajaju bahachuu keenyaan hariiroo uumaa waliin qabnu caalmaan cimsinee eebbaafi barakaa qooddanna.
Bakka jirrutti, karaa ijaarameen qe’eefi ollaa waliin jiraannu waliin qindoomuun nageenya keenya tikfachaa, hojiilee misoomaa hojjechaa jirru keessatti adda durummaan hirmaachuun guddina naannoofi biyya keenyaa saffisiisuuf gamtaan hojjennee biyya diinagdeen guddatte ijaaruun dhalootatti dabarsuuf yeroon itti hojjennu har’adha.
Ijaarsa biyyaa keessattis, qooda lammummaa nurraa eegamu gumaachuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf ummanni keenya qormaatilee garaa garaa nu qunnamaa turan hirmaannaa isaa daangaa hin qabneen mootummaa isaa utubee har’aan akkuma gahe, borus injifannoowwan dachaan dabaallee jiruufi jireenya ummata keenyaa bu’uurarraa fooyyessuuf hojiin hojjechaa jirru agarsiiftuudha.
Caffeen Oromiyaas, imala isaa hanga ammaan waadaa ummata isaaf gale kabajee, sagalee ummata bakka isa buufatee ta’ee yeroo kamuu caalaa aantummaa qabu gochaan agarsiisuun, hojii ijaarsa sirnaafi biyyaa keessatti adda durummaan hirmaachuun gaheesaa kan taphatu, biyya waloo ummattoonni biyyattii hundi nagaafi jaalalaan obbolummaa dhugaa dagaagsuun waliin keessa jiraatan ijaaruu keessatti gahee bakka bu’ummaa isaa kan bahatu ta’uu dhaama.
Irradeebi’ee, Hordoftoota Amantaa Musliimaa maraan, Ji’a Ramadaanaa xumuurtanii ayyaana sooma hiikaa Eid Al-Faxirii kan bara 1445ffaan baga isin gahe, warra baranaa, kan bara hegeree nu haa taasisu jechaa, ayyaanni kun kan nagaa, gammachuu, milkii, jaalalaafi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u hawwiin qabu ibsa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment