Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC) – Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan Ayyaana Iida Adahaa waggaa 1444ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Ayyaanni Id – Al – Adahaa (Arafaa), ayyaana kabajamaafi qulqullaa’aa hordoftoota amantaa Musliimaa biratti hawwii guddaan eegamuufi baay’ee jaallatamu waan ta’eef, baga guyyaa kanaan Isin gahe.

Ayyaana aarsaa ta’uun hordoftoota amantichaa biratti kan yaadatamu Arafaan, akka barsiisa amantaa Islaamaatti Rabbiin amantiin Ibraahimiin qoruuf ilmasaa aarsaaf akka dhiyeessu gaafate. Ibiraahimis ajaja Rabbii garaa guutuun fudhatee osoo hin shakkiin ilmasaa Isimaa’eliin aarsaa qalmaaf qopheessee gaara Arafaatti ol baase.

Ibraahim ilmasaa osoo hin mararfatiin, wayita qalmaaf qopheessu, rabbiin qulqullummaafi ajajamummaa isaa hubatee, wayita gaara Arafaa irra ga’u, mallattoo araaraa kan ta’e hoolaa aarsaa bakka qalma ilmasaa Ismaa’el bu’uu danda’u qopheessee eege.

Hordoftoonni amantaa Islaamaas barsiisa kanarraa barnoota guddaa fudhannee, yeroo hunda ajaja rabbiin biraa nuuf darbu qulqullummaan yoo raawwanne eebbaafi barakaan kan kan nu eeggatu ta’uu hubachuun barbaachisaadha.

Ayyaana kana wayita kabajnus, ajajaafi aarsaa Ibraahim taasise fakkeenya godhachuun yaadachaa, waan dandeenyu hundaan harka qalleeyii gargaaruu, kan daare uffisuufi dhukubsataa gaafachuun akkasumas, qaamaaf qalbiin bira dhaabbachuun duudhaalee amantaa Islaamaa keessatti mul’atan qixaan hojiirra oolchuun nagaafi jaalalaan, akkasumas, tokkummaan ayyaana kana waliin kabajuu qabna.

Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaas, duudhaalee gaggaarii ummanni keenya qabuuf beekkamtii kennuun, hojii bakka bu’ummaa ummataa ummata naannichaan itti kenname bahachuu irratti argama. Keessaahuu, galmoota gurguddoo akka biyyaafi naannootti qabannee hojjechaa jirru keessaa tokko ijaarsa sirna demokiraasii dagaagsuun hariiroo obbolummaafi walqixxummaa, tokkummaafi waliin jireenya ummattootaa kaleessa qabnu daran cimee akka itti fufu taasisuun faayidaa ummata keenya mirkaneessuuf kan tajaajillu ta’uun mirkaneessa.

Ummanni keenyas, hirmaannaa gama hundaan mootummaa isaa cinaa dhaabbatee taasisaa jiru cimsee itti fufuun nageenya fulla’aa mirkaneessuun, galmoota gurguddoo qabannee hojjechaa jirru utubee misooma itti fufiinsa qabu galmeessuun imala guddina biyyaafi naannoo keenyaa dhugoomsuu keessatti gahee keessan akka bahattan dhaamaa;
Dhumarrattis, hordoftoota amantaa musliimaa maraan, baga Id – Al – Adahaa (Arafaa), kan bara 1444ffaan nagaan isin gahee jechaa, ayyaanichi kan gammachuu, milkii, jaalalaafi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u hawwiin qabu ibsa.

Sa’aadaa Abdurahmaan
Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Waxabajjii 20 Bara 2015
Finfinnee

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment