Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan Ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa bagaa ittin isiin gahee dabarsan

Finfinnee, Mudde 27, 2016 (FBC)- Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan Ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga ittin isiin gahe dabarsaniiru.

Guutuun erga isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa maraan Baga Guyyaa Dhaloota Kiristoos Nagaan geessan! Hundaa’ol, ayyaanni kun torban injifannoon guutame, lammiileen biyya keenyaa hundi gammachuu isaanii daangaa hanga daangaatti wayita ibsachaa jiran kana keessatti ayyaana kabajamaa jiru waan ta’eef adda isa taasisa jedhaniiru.

Ayyaanni Qillee hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti guyyaa Dhaloota Kiristoos yaadachuun, kadhata, galataafi faaruuwwan uumaa leellisaniin yaadatamee kan oolu; guyyaa gammachuu, tokkummaafi waloomaa ta’uus eeraaniiru.

Ayyaanni kun, aadaafi duudhaa ummata keenyaa keessattis tapha Qillee dargaggoonni taphataniifi sirnoota adda addaan kabajamee oola.

Araarri, dhiifamni, jaalalli, riqicha tokkummaa fi hariiroon waliin jireenya ummata keenyaa guyyaa itti cimudha.

Kanaafis, duudhaalee gaggaarii qabnu daran cimsinee ayyaana kana waliin kabajuun, qe’eefi naannoo keessa jiraannutti karaa ijaaramee fi qindaa’een nageenya keenya dammaqinaan tikfachuu fi mirkaneeffachuun ayyaana kana waliin kabajuutu nurra jiraata.

Boqonnaan amma keessa jirrus, carraawwan misoomaa jiran hunda sakatta’uun xiiqiin hojjennee jijjiirama qabatamaa fiduuf gara fuula duraatti yeroo itti tarkaanfannudha.

Ummanni keenyas, mootummaa isaa cinaa dhaabbachuun, itti gaafatamummaa ulfaataa hoggansi isaa fudhatee hojjechaa jiru utubee ceessisuu irratti argama.

Kanaafis, injifannoon guyyaa guyyaan argamaa jiru kun bu’uura diinagdee naannoofi biyya keenyaa ta’ee akka itti fufuuf hojjechuun, kan arganne qusannaan fayyadamnee maatii keenya irratti jijjiirama bu’uuraa fiduu irraa eegalee guddina naannoofi biyya keenyaa keessatti gumaacha nurraa eegamu haa bahannu.

Badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessuuf, cabiinsa diinagdee baroota dheeraaf nurra ture deebisnee suphuuf carraaqqii taasifamaa tureen balballi galaanaa argame kunis, hariiroo diiplomaasii biyyoota ollaa waliin qabnu cimsuu keenyaan kan argameefi bu’aa dhaloota kanaan galmaa’e ta’ee, bara baraan seenaan kan yaadatudha.

Qaamoleen guddinni biyya keenyaa isaan yaaddessus, ollaafi keessoo keenyatti nagaafi tasgabbii waaraa qabaannee biyya diinagdeen of dandeesse akka hin ijaarreef shirri isaan hin dalagne hin jiru.

Walqoodiinsiifi tokkummaa dhabuun keenya kaleessaa ammoo, gama tokkoon diinota guddina keenya hin barbaanneef kan nu saaxile, gama biraan ammoo, maraammartoo hiyyummaa kaleessaa keessa gangalachaa akka hafnuuf carraaqqiin taasisan guddaadha.

Rakkoo kana hundeerraa furuuf, nageenya naannoo keenyaa mirkaneessuuf, Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaa sirna Gadaarraa dhaalleen nagaa ummata keenyaaf dursa kennuun rakkoo jiru mariifi marabbaan furuun araara ummanni keenya dheebotu fiduuf abdii osoo hin kutatiin gaaddisa tokko jalatti walgeenyee filannoowwan nagaa waaraa dhugoomsan hunda hordofaa turree jirra.

Ijaarsa biyya keenyaa dhugoomsuuf tokkummaa keenya cimsuun, miira obbolummaa dagaagsuun, waliin mari’annee biyya badhaatuu dhalootaaf kaadhimuuf mariin biyyaalessaa fuula keenya dura jirus riqicha boqonnaa haaraatti nu ceessisu waan ta’eef, dammaqinaan irratti hirmaannee seenessa waloo hunda keenya bakka bu’uufi ceessisu, akkasumas, biyya lammiileen ishii nagaafi jaalalaan waloon waliin keessa jiraatan ijaaruun gahee dhaloota kanaati.

Dirqama seenaan nutti kenne akkuma kaleessaa injifannnoon goolabuuf, qormaanni kamiyyuu yoo jiraate imalli keenya diinagdee dam-daneessa, galmi keenya ammoo badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha jennee hojii qabatamaa keessa gallee jirra.

Seenaa kaleessaa hundeerraa jijjiiruuf, hojiiwwan roga maraan hojjenne ammoo agarsiiftuu milkaa’ina hojii keenyaati.

Ammas, carraawwan misoomaa jiran hundatti fayyadamnee biyya keenya ceessisuuf waadaa ummata keenyaaf galle kabajuun hojjechuun galmoota badhaadhinaa qabannee hojjechaa jirru xiiqiin raawwannee milkeessuun qooda hunda keenyaati.

Caffeen Oromiyaas, sirni ijaarru dantaa ummata keenyaa daran karaa kabachiisuu danda’uun, hojiiwwan naannicha keessatti hojjetaman hunda galma gahiinsa mul’ata keenyaafi faayidaa ummata keenyaan madaaluun yeroo kamiyyuun olitti kan hojjetu ta’uu isaan mirkaneessa.

Kanaafis, ummanni naannoo keenyaa hundi misooma ummataa itti fufsiisuun gahee ijaarsa biyyaafi diinagdee biyyaa utubuu keessatti qabnu adda durummaan bahachuuf gamtaan hojjechuun jijjiirama qabatamaa ummanni keenya sadarkaan irraa fayyadamu fiduuf yeroon itti hojjennu har’adha.

Ayyaana kana wayita kabajnus, kallattiiwwan waloo ijaarsa biyyaa irratti xiyyeeffachaa, waan qabnuun walbira dhaabbannee, waliif hirkoo ta’uun waliin kabajuu akka qabnu dhaamsakoo dabarsaa, ayyaanni qillee kan milkii, jaalalaa, araaraa, injifannoofi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u maqaakoofi maqaa Caffee Oromiyaatiin hawwiin qabu ibsaa irra deebi’uun Baga Ayyaana Qilleen isin gahe.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment