Aadde Natsaannat Asfaaw boqatan

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Aadde Natsaannat Asfaaw boqatan.
 
Aadde Natsaannat 1970n keessa gaazexeessituu Raadiyoo Jarman ta’uudhan tajaajilaniiru.
 
Bara Dargii keessa qabsoo hidhannootti makamuudhan socho’aas turaniiru.
 
Kufaatii Dargiidhan booda sadarkaa hoggansaa aaddaddaarratti hojjetaniiru.
 
Aadde Natsaannat ministir deettaa Ministeera Koominikeeshinii, Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaatti daayreektara dhimmoota nageenyaa ta’uudhan tajaajilaniiru.
 
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRItti gargaartuu waamamtuu mootummaas turan.
 
Aadde Natsaannat Asfaaw dhukkubsatanii wallaansa argachaa turanis har’a Gurraandhala 30,2012 boqataniiru.
Comments (0)
Add Comment