Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Aadde Muufariyaat Kamil Ittaanaa Pireezidaantii Baankii Misooma Afrikaa Solomoon Ku’ayinoor waliin mari’ataniiru.
Hojii uumtota darggagoota deeggarsa faayinaansii barbaachisaa akka argatan taasisuun mul’ata biyyaa dhugoomsuuf tarkaanfii jalqabaa ta’uu marichaan ka’eera.
Lammiilee ogummaan gahoomaniifi yaadama kalaqa hojii qaban oomishuuf karoorri garaagaraa hojiirra oolaa jiraachuu aadde Muufariyaat ibsaniiru.
Dhaabbatichi Baankii Misoomaa Afrikaa waliin dameewwan garaagaraan tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu kaasaniiru.
Ittaanaan Pireezidaantii Baankii Misoomaa Afrikaa Solomoon Ku’ayinoor gamasaaniin, Baankiin Misooma Afrikaa hojiirra oolmaa seera faayinaansii, misooma dirree intarpinarshiippiifi biiznasiifi deeggarsa dhaabbilee faayinaansii ilaalchisee utubaalee sadiirratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Sagantaa sadarkaa yaaliin hojiirra oolaa jiruun sirna deeggarsa faayinaansii dargaggoota haala addaan fayyadamoo taasisuu danda’u diriirsaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.