Aadde Muufariyaat Kaamiil jila Baankii Misooma Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) –Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa aadde Muufariyaat Kaamiil jila Baankii Misooma Afrikaa waliin hojiilee waloon hojjetaniif haala deeggarsi maallaqaa taasisuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Jilichaa waliin marii bu’aa qabeessa taasisuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Baankichi Afrikaatti misooma waaraa fiduu fi guddina hawaasummaa jajjabeessuun hiyyummaa hir’isuurratti ga’ee bakka bu’ummaa hin qabne ba’achaa jiraachuu eeruun, milkaa’ina karoora misoomaa Ityoophiyaafis deeggarsa maallaqaa fi teekinikaa taasisaa turuu yaadachiisaniiru.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment