Aadde Mufariyaat Ityoophiyaatti daayreektara dhaabbata deeggarsaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil Ityoophiyaatti daayreektara Dhaabbata Deeggarsaa Ameerikaa (USAID Ethiopia) Shoon Joons waliin mari’ataniiru.
Sirna of eeggannoo balaa fi hoggansa sodaa balaarratti marii taasiisaniiru.
Baalaa uumamaa fi namtolchee ga’uu danda’u dursanii ittisuuf jijjiirrama hojmaataa taasiisuuf muuxxannoolee biyyoota garaagaaraa fudhachuun barbaachisaa ta’uu aadde Mufariyaat ibsaniiru.
Sirna of eeggannoo balaa fi hoggansa sodaa balaa ammayyeessuuf jijjiirrama adeemsaa cimsuuf muuxxannichi barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Mootummaan Ameerikaa fi uummanni biyyattii deeggarsa hunda galeessa hanga ammaatti taasiisan dinqisiifachuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment