Aadde Mufariyaat Ityoophiyaatti bakka bu’aa dhaabbata sagantaa nyaataa addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil Ityoophiyaatti bakka bu’aa Dhaabbata Sagantaa Nyaataa Addunyaa Dooktar Isteevan Oomaamoo waliin mari’atan.
Dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaa wayita Ityoophiyaan rakkoo keessa jirtuutti ummataa fi mootummaa biyyattii faana ta’uun deeggarsa bara dheeraaf taasiisaa tureef aadde Mufariyaat galateeffataniiru.
Aadde Mufariyaat duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee deeggarsa namoomaa fi bu’uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruuf hojii hojjetamaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Ityoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Sagantaa Nyaataa Addunyaa Dooktar Isteevan Oomaamoon gama isaaniin, naannichaatti deeggarsi namoomaa taasiifamu ariitiin akka qaqqabuuf Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo itti aanuus dhimmoota dursa argachuu qabanirratti mootummaa Ityoophiyaa waliin qindoominaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment