Aadde Mufariyaat hoggansa dhaabbilee waamamoo waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil hoggansa dhaabbilee waamamoo waliin mari’atan.

Turmaata isaanitiin raawwii hojii fi dhimmoota haala yeroorratti mari’ataniiru.

Marichaan ergamni dhaabbilee, imaanaa ummataa fi biyyaa baachuun biyyaa fi ummata balaarraa baraaruuf tumsi waloo taasifamaa jiru gamaaggamameera.

Qindoominaan hojjechuun ergama ba’achuun murteessaa ta’uus aadde Mufariyaat yaadachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment