Aadde Mufariyaat ergamaa addaa sagantaa nyaata addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC) –Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil ergamaa addaa daayreektera olaanaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Raamiiroo Looppeez Daa Siilvaa waliin mari’ataniiru.

Mootummaan tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkee erga taasiisee eegalee Sagantaa Nyaata Addunyaa dabalatee dhaabbileen deeggartootaa dhiyeessii deeggarsa namoomaa taasiisan keessatti rakkoolee muudatanirratti mari’ataniiru.

Deeggarsi namoomaa sirnaan akka hin qaqqabne gareen Shororkeessaa ABUT irra deddeebiin yaalii gufachiisuu taasiisuus mootummaan hoggantoota, abbootii amantaa fi jaarsoolii biyyaa naannoo Afaar waliin tattaaffii cimaa taasiisaa jiraachuu Aadde Mufariyaat ibsaniiru.

Dhaabbatichi naannoo Amaaraa fi Afaarii lammiilee hedduu buqqa’aa jiran tilmaama keessa galchuun hanga deeggarsa dhiyeessuu dabaluu akka qabu gaafachuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni muul’isa.

Ergamaan addaa daayreektera olaanaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Raamiiroo Looppeez Daa Siilvaa deeggarsichi haala fooyya’iinsa qabuun akka itti fufu fedhii olaanaan jiraachuu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment