Aadde Mufariyaat Ergamaa Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 28, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil Ergamaa Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Paarifeeyiit Onaangaa- Aniyaangaa waliin mari’atan.
Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil Ergamaa Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Paarifeeyiit Onaangaa- Aniyaangaa waliin dhimmoota waqtaawaa Ityoophiyaarratti marii bu’aa qabeessa taasisuun isaanii ibsameera.
Aadde Mufariyaat ergaa fuula Feesbuukii isaaniitin, Paarifeeyiit Onaangaa- Aniyaangaa mootummaan Ityoophiyaa jijjiirama nageenya waaraa fi amansiisaa fiduuf taasisaa jiru kan dinqisifaatan ta’uu himaniiru.
Adeemsa jijjiirama Ityoophiyaa waliin jireenyaan fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuuf, duudhalee ajaa’ibsiisaa baroota dheeraa ture guddisuuf hojiilee hojjetaa jirturratti Ministirrittiin ibsa taasisaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment