Aadde Mufariyaat dhaabbata hojii idil addunyaa waliin waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil dhaabbata hojii idil addunyaa waliin waliigaltee mallatteessaniiru.

Aadde Mufariyaat Carraa hojii uumuun walqabatee Dhimmoota waloon hojjechuun danda’amanirratti tumsaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallateessaniiru.

Dhaabbatichi Ityoophiyaatti carraa hojii mijataa fi waaraa uumuuf tattaaffii taasiifamu kan deeggaraa turuu eerameera.

Waliigaltichi bulchiinsa godaansa hojjetoota fooyyessuu fi carraa hojii fi Ogummaa guddisuuf qooda qabaachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaa, Jibuutii, Somaaliyaa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaatti daayrektarri Biiroo dhaabbatichaa fi Gamtaa Afrikaatti bakka bu’aan ergamaa Addaa dhaabbatichaa Aleeksiyoo Musiindoon tumsaan hojjechuuf murannoo agarsiisaan Aadde Mufariyaat galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment