Aadde Mufariyaat Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti daayreektara Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti daayreektara Afrikaa Dooktar Maashiidiisoo Reebeekaa Mootiin waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota tajaajila fayyaa hawaasaa, walitti dhufeenya fayyaa fi nageenyaa, dhiibbaa weerarri vaayrasii koroonaa hawaasummaa fi diinagdeerraan qaqqabsiisuu danda’urratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
Aadde Mufariyaat deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasiifamaa jiruu fi lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojiilee hojjetamanirratti ibsa taasiisaniiru.
Rakkoolee muudatan furuuf deeggarsa dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, hawaasni idil addunyaa fi kanneen biroo taasiisaniif galateeffataniiru.
Dooktar Maashiidiisoo Reebeekaa Mootiin gama isaaniin uwwisa eeggumsa tajaajila fayyaa Ityoophiyaa baroota dheeraaf hordofaa turuu ibsaniiru.
Uwwisni tajaalila fayyaa Ityoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti damee fooyya’iinsa guddaa agarsiise ta’uu dubbataniiru.
Ityoophiyaan hojjettoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa biyyattiitti argamaniif talaallii Covid -19 laachuu ishee maqaa dhaabbatichaan galateeffachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment