Aadde Mufaariyaat Kaamil Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti hoggantoota dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC) –Aadde Mufaariyaat Kaamil Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti hoggantoota dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin mari’atan.
Ministirri nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamil Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti hoggantoota dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin mari’ataniiru.
Maricharratti Daayreektara waajjira Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Reenaa Galaanii, Dhaabbata Mootummoota GamtoomanittiQindeessaa fi Ityoophiyaatti hogganaa Waajjira deeggarsa namooma Dooktar Kaatiriin Soozii, akkasumaas, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti hogganaan deeggarsa namoomaa Ityoophiyaa hirmaataniiru.
Aadde Mufaariyaat duula olantummaa seeraa kaaba Ityoophiyaatti gaaggeeffame irratti ibsa laataniiru.
Duula gaggeeffameen lammiilee nagaan akka hin miidhamnee fi bu’uuraalee misoomaa irra balaan akka hin geenyeetti ofeeggannoon adeemsifamuu hubachiisaniiru.
Daayreektara waajjira Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Reenaa Galaanii mootummaan Ityoophiyaa lammiilee nagaan akka hin miidhamnee fi bu’uuraalee misoomaa irra balaan akka hin geenyeetti ofeeggannoon olaantummaa seeraa adeemsisuu dinqisiifataniiru.
Deeggarsa barbaachisu mootummaa waliin ta’uun waliigaltee jiruun cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment