Aadde Mufaariyaat Kaamiil Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC)- Ministirri Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil Pireezidaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Aadde Mufaariyaat Kaamiil, dhimmoota akka dhaabbataatti waloon hojjechuun danda’amurratti marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsan.

Damee hojii fi ogummaan dhimmoota hirmaannaa fi xiyyeeffannaa addaa barbaadanirratti mari’achuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Kanaan dura gama misoomaa ogummaa, carraa hojii uumuu fi hariiroo indaastirii naga qabeessaa mirkaneessuun dhimmoota waliigalan daran cimsuu fi galmoota biyyaalessaa milkeessuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsan.

Haaluma kanaan badhaadhina hunda galeessaa mirkaneessuuf, galmoota qabaman milkeessuuf qindoominaan hojjechuuf jalqabbiiwwan jiran bal’isuuf waliigalteerra ga’uu kaasan.

Marichaan boodas Inistitiyuutii Leenjii Ogummaa fi Teekinikaatti oomishaalee bakka bu’an irratti dandeettii biyyaalessaa uumuuf hojiilee eegalaman daawwachuu eeraniiru.

Kunis gama teeknoolojiin akka biyyaatti abdii qabeessa waan ta’eef hirmaannaa fi deeggarsa akka barbaachisu kan akeeku ta’uu hubachuu ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama isaaniin, misooma ogummaa, carraa hojii umuu fi hariiroo indaastirii naga qabeessa irratti hojjechuun, galmoota biyyaalessaa milkessuun dhimma fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessu waan ta’eef, kana tilmaama keessa galchuun qindoominaan hojjechuuf kutannoo argisiisanii fi hoggansa kennaa jiraniif galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment