Finfinnee, Fulbaana 6, 2014(FBC)- Ministirri Ministeeraa Nageenyaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil Ityoophiyaatti Ambaasaadar Ameerikaa Geeta Paasii fi Ityoophiyaatti Daayreektara dhaabbata gargaarsa Shoon Joonsan Waliin Marii’atan.
Mariichi gocha badii fareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Affaar irratti raawwateen lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an haala deebisanii dhaabuu fi furmaata hatattamaa kennuun danda’amurratti ta’uu ibsameera.
Yeroo ammaa kana naannolee biyyatti keessatti lammiilee yeroof qubatanii jiran dabalataan kanneen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa fagaatanii jiran deeggaruuf hojiin gama mootummaan hojjetamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Kanaafis deeggarsi namoomaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa kan cimee kan itti fufu ta’uu addeessaniiru.
Ambaasaddar Paas gama isaaniin tattaaffii taasifamaa jiru kan hordofan ta’uu ibsuun, mootummaa fi Uummatoonni Ameerikaa hariiroo baroota dheeraa Ityoophiyaa waliin qaban cimee kan itti kan fufuu ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.