Aadde Masarat Daamxeen Odiitara Olaantuu Waajjira Odiitara Olaanaa Federaalaa ta’uun muudaman

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Aadde Masarat Daamxeen Odiitara Olaantuu Waajjira Odiitara Olaanaa Federaalaa ta’uun muudamaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Yaa’ii idilee 12ffaa marsaa 6ffaa bara hojii 1ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen muudama Oditara Olaantuu fi Ittaanaa Oditara Olaanaa Waajjira Odiitara Olaanaa Federaalaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin dhiyaatan sagalee guutuun raggaaseera.

Haluma kanaan aadde Masarat Daamxee Caanniyaalaw Odiitara Olaantuu Waajjira Odiitara Olaanaa Federaalaa, Obbo Abarraa Taaddasaa Itichaa ammoo Ittaanaa Odiitara olaanaa ta’uun muudamaniiru.

Mudamtoonni kunneen miseensota mana marichaa duratti dhiyaachuun waadaa galuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment