Aadde Loomii Badhoon Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa Gaara Cuqqaalarratti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC) – Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo, Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa Gaara Cuqqaalarratti hawaasa waliin tahuun biqiltuu dhaaban.
Dargaggoota boru biyya tana dhaalaniif gammoojjii fi rakkoo osoo hin taane misoomaa fi magariisa dhaalchifnaa jedhan.
Komishiniin Ispoortii Federaalaas hojjattoota isaa waliin Gaara Cuqqaalaarratti biqiltuu dhaabeera.
Akka OBN gabaaseetti Aanaa Liiban Cuqqaalaatti, biqiltuu miiliyoona 1.6 dhaabuuf karoorfamee biqiltuu miiliyoona 1.6 ol dhaabbachuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa aanichaa beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment