Aadde Keeriyaa Ibraahiim taayitaa isaanii gadhiisuu beeksisan

Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)- Af yaa’iin Mana Maree Federeeshinii aadde Keeriyaa Ibraahiim taayitaa isaanii gadhiisuu beeksisan.
 
Aadde Keeriyaan fedhii isaanitiin af yaa’ummaa isaanii gadhiisuu har’a ifoomsaniiru.
 
Maqaleetti ibsa Televiizhinii Tigraayif laataniin taayitaa isaanii gadhiisuu beeksisaniiru.
 
Kanaan dura af yaa’onni mana marichaa taayitaa isaanii gadhiisuun nama bakka bu’uuf taayitaa yoo dabarsan miseensota mana marichaa fulduratti ture.
 
Aadde Keeriyaan Ebila 2010 ture af yaa’ummaan kan filataman.
 
Manni marichaa walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Roobii fi Kamisa gaggeessa.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment