Aadde Keeriyaa Ibraahiim mirga wabiin akka bahan murtaa’e

Finfinnee, Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii duraanii aadde Keeriyaa Ibraahiim mirga wabiin mana hidhaatii akka ba’an murtaa’uu ibsame.
Manni murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa ramaddii Araadaa dhaddacha har’a ooleen aadde Keeriyaa Ibraahiim, Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa naannoo Tigraay kan turan aadde Hiriyitii Mihirata’aab fi gorsaa mootummaa naannichaa kan turan Waldagiyoorgiis Dassitaa, akkasumas himatamtoota galmee obbo Abbay Walduu jalatti kan argaman keessaa Amdamaariyaam Tafarraan mirga wabii Birrii kuma 30 akka gadhiifaman murteesseera.
Manni Murtichaa aadde Keeriyaan hanga Komaand Poostiin naannoo Tigraayitti qorannoo gaggeessaa jiru dhiyeessuutti iddoo tursa tajaajilaa akka turan murteesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment