Aadde Hiruut Zammanaan Ministira dhimma alaa Moozaambik waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandha 3, 2012 (FBC) – Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Hiruut Zammanaan, Ministira Dhimma Alaa Moozaambik Veerooniikaa Maakaamoo waliin mari’atan.
 
Dhimmoota waloo biyyoota lamaaniirratti marii taasisaniiru.
Aadde Hiruut hariiroon biyyoota lamaniin hariiroo seenaa qabeessa ta’uu ibsaniiru.
 
Ityoophiyaan hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetu ta’uu fi waliigaltee kana duraa hojiitti hiikuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
 
Aadde Veerooniikaa Maakaamoon gama isaaniin simannaa jila isaaniin durfamuuf taasifame dinqisiifachuun hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.
 
Ministirittiin deeggarsa leenjii balaliisummaa, ogummaa haaroomsa xiyyaaraa fi loltummaa Ityoophiyaan biyya isaaniif taasifte galateeffachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni mul’isa.
 
Comments (0)
Add Comment