Aadde Hiruut Zamanee Itti aanaa Ministira Dhimma Alaa Sawud Arabiyaa Ahimad Alqaaxaan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Ministiri Deettaan Ministira Dhimma Alaa aadde Hiruut Zamanee Itti aanaa Ministira Dhimma Alaa Sawud Arabiyaa Ahimad Alqaaxaan guyyaa har’a waajjira isaanitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Ministiri Deettaan Ministira Dhimma Alaa aadde Hiruut Zamanee hariiroon Ityoophiyaa fi Sawud Arabiyaa hariiroo mootummaa fi mootummaa irra darbee hariiroo ummataa fi ummataa baroota dheeraa waliin kan qabanidha jedhan.

Hariiroon dippilomaasummaa biyyoota lamaanii 1940 kan eegale yoo ta’u, hariiroon Ityoo-Sawud siyaasaa, diinagdee, investimeent, tuurizimii fi misoomaan caalumaatti cimsuun waliin hojjechuu akka qabaan eeraniiru.

Itti aanaa Ministira Dhimma Alaa Sawud Arabiyaa Ahimad Alqaaxaan gama isaanitiin simannaa taasifameef galateeffachuun hariiroo baroota dheeraa biyyoota lamaan gidduu jiru cimee akka itti fufuu biyyi isaanii hojjechaa jiraachu ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment