Aadde Hiiruut, Ministeera Dhimma Alaa Israa’eelitti itti aantuu daayreektara dhimmoota Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Hiiruut Zammanaan, Ministeera Dhimma Alaa Israa’eelitti itti aantuu daayreektar janaraalaa dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Iyyaant Shileeyin waliin mari’atan.

Aadde Hiiruut hariiroo Ityoophiyaa fi Israa’eel barootaf cimee ture, daran gama hundaan jabeessun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni lamaan nageenya saaybarii, qonna ammayyaa, oomisha qurxummiirratti waliigalteewwan kanaan dura mallatteessan hojiirra oolchuurratti sochiilee jiranirratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Iyyaant Shileeyin gama isaanitiin hariiroo diippiloomaasii biyyoota lamaanii walitti dhufeenya ummattootatiin utubuun ni barbaachisa jedhan.

Fayyadama bishaaniirratti muuxannoo Israa’eel qabdu Ityoophiyaan qooddachuu akka barbaaddu waltajjichaan ibsameera.

Waliigalteewwan wayita muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Israa’eel daawwatanitti mallatteeffaman, qorachuu fi hojiirra oolchuuf ogeeyyiin Israa’eel dhiyeenya gara Ityoophiyaa ni dhufu.

Comments (0)
Add Comment