Aadde Fatiyaa Adam Af Yaa’ii Mana Maree magaalaa Dirree Dawaa ta’uun muudaman

Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC)- Manni Maree bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa yaa’iin jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii 3ffaa gaggeessaa jiruun Aadde Fatiyaa Adam Af Yaa’ii Mana Marichaa taasiisuun filateera.
Aadde Kariimaa Alii ammoo itti aantuu Af Yaa’ii taasiisuun filateera.
Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa bara 2000 chaartaraan erga hundaa’ee bara kana filannoo marsaa 3ffaaf gaggeeffameen miseensonni mana marichaa 189 har’a yaa’ii jalqabaa gaggeessuu eegalaniiru.
Waggoottan shanan itti aananiif haqummaa fi amanamummaan tajaajiluuf leenjii hojiif isaan gargaaru guyyoota 2f fudhachaa turaniiru.
Iyyoonaadab Andu’aalemtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment