Aadde Daagmaawiit Mogas Dirree Dawaatti dawwannaa taasiisan

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogas Dirree Dawaatti paarkii Indaastirii, Korporeeshiinii Baabura Lafaa, Motara Reedwaa TVS, fi buufata konkolaataa haaraa daawwataniiru.

Aadde Daagmaawiiti Kaantibaa magaalaa Dirree Dawaa, Komishinara Komishinii Poolisii fi miseensota kaabinee magaalichaa waliinis wal arganiiru.

Guyyaan biskileettii fi lafoo biyyaalessaa 4ffaan mata duree ‘Qaammee hanga Qaammee ni geenya’ jedhuun guyyaa boruu bakka aadde Daagmaawiit argamanitti magaalaa Dirree Dawaatti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Ji’a ji’aan kan kabajamu guyyaan Biskileettii fi lafoo kun tajaajji geejjiba motara maleessa beeksisuurra darbe sosochii qaamaa babal’iisuun fayyaa hawaasaa eeguu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment