Aadde Daagmaawiit kenniinsa tajaajilaa buufataalee konkolaataa daawwatan

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogas haala kenniinsa tajaajilaa fi hojiilee ittisa vaayrasi koroonaa buufataalee Konkolaataa daawwatan.
 
Aadde Daagmaawiit har’a ganama buufata konkolaataa Askoo, Markaatoo fi Ayyara Xeenaa daawwataniiru.
 
Daawwannaa isaaniin, haala kenniinsa tajaajilaa fi of eeggannoo weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamuu fi dhimmoota birootti konkolaachiftoota fi tajaajilamtoota dubbisuu isaamii himameera.
 
Hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaaf damee geejjibaan qajeelfamni raawwii ba’ee gara hojiitti galamuun kan yaadatamuudha.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment