Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojastiksii Aadde Daagimaawiit Magos gita isaanii Naayijeeriyaa,Kuwaataar,Kooriyaa Kibbaa fi Saa’ud Arabiyaa waliin mari’ataniiru.
Yaa’ii Dhaabbata Siiviil Ayiveeshinii Idil Addunyaa 41ffaa Kaanaadaa Moontiriiyaalitti gaggeeffamaa jiru cinaatti Ministiroota Ministeera Geejjibaa Naayijeeriyaa, Kuwaataar, Kooriyaa Kibbaa fi Saa’ud Arabiyaa waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Hariiroo Damee Geejjibaa biyyoota kanneen waliin qaban caalmaatti cimsuuf walii galuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.