Aadde Caaltuu Saaniin jila Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 27, 2014(FBC)-  Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa jila Baankii Addunyaa waliin mari’achuu ibsame.

Kaayyoon mariisaanii haala hojiileen  bu’uuraalee misoomaa magaalaa  baankichaan deeggaraman irra jiran gamaaggamuufi kallattii fuula duraa kaa’uuf ta’uu ibsameera.

Piroojektiiwwan Baankii Addunyaan deeggaraman keessaa sadarkaa raawwii gaariirra jiran akkuma jiran sababoota nageenyaafidhimmoota garaagaraan hojiileen harkifachaa jiran sirreeffamuu akka qaban eerameera.

Kanaaf ammoo qaamoleen dhimmi isaa ilaallatu gahee isaanii ba’achuu akka qaban kaafameera.

Waltajjicharratti hoggantoonni Ministera Maallaqaa, Bulchiinsa Dandiiwwanii, Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaachuu ragaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment