Aadde Caaltuu Saaniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Saa’uud Arabiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin Ityoophiyaatti, Ambaasaaddara Saa’uud Arabiyaa Dooktar Fahaad Obaayidalaa waliin mari’ataniiru.
Aadde Caaltuun, hojiilee magaalaa fi misooma bu’uuraarratti hojjetamaa jiran ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Damee misooma daandiin Saa’ud Arabiyaa waliin hojjechuuf fedhii olaanaan jiraachuu kaasaniiru.
Ambaasaaddar Dooktar Fahaad Obaayidalaa gama isaaniin, hariiroo biyyi isaanii Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.
Keessattuu damee misooma bu’uuraarratrti waliin hojjechuuf carraawwan jiranitti fayyadamuuf fedhii olaanaan jiraachuu eeruu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment