Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ingilizii Alaastaar Maakfaayiil waliin mari’ataniiru.
Rakkoolee hojii dhabdummaa magaalaarratti muul’atan, hanqina mana jireenyaa fi nageenya irratti sochii gama maraan mootummaan taasisaa jirurratti mari’achuu ibsameera.
Mootummaan karoora waggaa 10 maagaalota irratti qabatee gara hojiitti hiikuuf sochii taasisu Mootummaan Ingiliiz kan deeggaran ta’uu Ambaasaaddar Alaastaar Maakfaayiil ibsuu isaanii ragaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.