Aadde Caaltuu Saanii Ityoophiyaatti Daayrektara Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saanii Baankii Addunyaatti Daayreektara Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaa Osmaan Diyoon waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin aadde Caaltuun Ityoophiyaatti bu’uraalee misoomaa magaalootaa fooyyeessuu fi jiruu fi jireenyaa jiraattoota magaalichaa jijjiiruuf proojektiiwwa gaggeeffamaa jiran deeggaruuf tattaaffii baankiin aaddunyaa taasiseef galateeffataniiru.

Mootummaan deeggarsa baankichaatiin wabii nyaata mirkaneessuu akkasumas magaaloota jiraattootaaf mijatoo taasisuuf proojektiwwan bu’uraalee misoomaa adda addaa murannoo cimaan hojjechaa jiraachuu aadde Caaltuun ibsaniiru.

Ministeerichi yeroo amma kana karoora waggaa 10 qopheessuun hojiirra oolchaa jiraachuu himaniiru.

Daayrektaarichi proojektiwwan raawwatamaa jiran dinqisifachuun yeroo itti aanuutti deeggarsa hunda galeessaa taasisuuf qophii ta’uu ibsuusaanii ragaan Ministeeraa Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment